🔍Search

18. May 2026

Tooftaalee 3 Bilbila Keessan Irratti Bakka Duwwaa (Storage) Bal'isuuf Gargaaran

  • Baga nagaan gara Qaroo Digitaal dhuftan! Yeroo baay'ee bilbilli keessan "Storage Space Running Out" ykn ispeesiin guuteera jedhee isin rakkisaa jiraa? Kun suuraa haaraa ka'uu ykn appii buunfachuuf isin dhowwa. Haa ta'u malee, osoo appii barbaachisoo hin haqin tooftaalee kanaan ispeesii bal'isuu dandeessu:

🧹 1. 'Cache Data' Appiiwwanii Qulqulleessuu
Appiiwwan akka YouTube, TikTok fi Facebook faayilota yeroo gabaabaa (cache) baay'ee kuusu.

  • Gorsa: Gara Settings -> Apps seenaa. Appii guddaa tokko filatanii 'Storage' keessaa 'Clear Cache' kan jedhu tuqaa (Osoo Clear Data hin jedhin).

💾 2. 'Auto-Download' Telegram Fi WhatsApp Dhaabuu
Appiiwwan kun viidiyoo fi suuraa namoonni ergan hunda ofumaan buusuun storage gubu.

  • Gorsa: Telegram keessaa gara Settings -> Data and Storage seenaatii 'Automatic media download' kan jedhu cufaa (Off godha). WhatsApp irrattis 'Media auto-download' dhaabaa.

☁️ 3. Google Photos Fayyadamuu
Suuraalee fi viidiyoof ispeesii bilbila keessanii gubuu mannaa bakka tolaa intarneetii irratti kuusuun gaariidha.

  • Gorsa: Appii 'Google Photos' fayyadamuun suuraa keessan gara 'Cloud' irratti 'Back up' godhaa. Sana booda bilbila keessaa haquun ispeesii bal'isaa.

Tooftaalee kanaan bilbila keessan ispeesii bal'isaa fi saffisaa taasisaa! Barnoota dabalataaf weebsaayitihaa keenya Qaroo Digital yeroo hunda dubbisaa, jaallachuu fi qooduu hin dagatinaa!

Back

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This field is mandatory

This field is mandatory

This field is mandatory

There was an error submitting your message. Please try again.

Security Check

Invalid Captcha code. Try again.

©2026 Qaroo Digital Copyright. All rights reserved

Information icon

We need your consent to load the translations

We use a third-party service to translate the website content that may collect data about your activity. Please review the details in the privacy policy and accept the service to view the translations.