Baga nagaan gara Qaroo Digitaal dhuftan! Yeroo amma appiiwwan miliyoonaan lakkaawwaman jiraatanis, isaan keessaa kanneen hojii keenya guyyaa guyyaa nuuf salphisanii fi bilbila keenya keessa jiraachuu qaban sadii isiniif dhiyeessineerra.
- 🛠️ 1. Google Translate (Hiika Afaanii)
- Appiin kun afaanota addaddaa gara afaan barbaaddanitti hiikuuf baay'ee murteessaadha.
- Faayidaa Iccitii: Kaameeraa bilbila keessanii barreeffama kamiyyuu irratti qabuun battalatti gara afaan keessanitti hiikuu dandeessu.
- 📝 2. Canva (Dizaayinii Fi Suuraa)
- Osoo dandeettii dabalataa hin qabaatin suuraa miidiyaa hawaasaa, logo, fi kkf bifa bareedaan dizaayinii gochuuf si gargaara.
- Faayidaa Iccitii: Tempileetota bilisaa dhibba hedduun lakkaawwaman fayyadamuu dandeessu.
🔒 3. Proton VPN (Nageenya Intarneetii)
Yeroo intarneetii fayyadamtan ragaa keessanii fi nageenya bilbila keessanii eeguuf baay'ee gargaara.
- Faayidaa Iccitii: Intarneetii Wi-Fi namni kamiyyuu fayyadamu (public Wi-Fi) irratti bilbila keessan hattoota irraa eega.
Barnoota dabalataaf weebsaayitihaa keenya Qaroo Digital yeroo hunda dubbisaa! Share gochuun hiriyoota keessan biraan gahaa.